FAARFANNAA 119
Amantii Qabaachuu Qabna
-
1. Namatti dubbachaa ture Waaqni
Karaa raajotasaa durii.
Harʼas Ilmasaatti fayyadamee,
Jedha ‘Qalbii jijjiiri.’
(BUUSAA)
Qabnaa ree amantii dhugaa?
Cimaa haa deemu dabalaa.
Ni mulʼataa ree hojiidhaan?
Amantiidhaan badiisarraa oolla.
-
2. Ajaja Yesuus akka lallabnuuf
Nuu kenneef ni ajajamna.
Sodaa malee ergaa kana himna;
Abdicha maaf dhoksina.
(BUUSAA)
Qabnaa ree amantii dhugaa?
Cimaa haa deemu dabalaa.
Ni mulʼataa ree hojiidhaan?
Amantiidhaan badiisarraa oolla.
-
3. Jabaa dha amantiin nuti qabnu;
Sodaannee duubattiʼn jennu.
Waaqattʼ amanamuun nu gargaara;
Fayyinni dhihaateera.
(BUUSAA)
Qabnaa ree amantii dhugaa?
Cimaa haa deemu dabalaa.
Ni mulʼataa ree hojiidhaan?
Amantiidhaan badiisarraa oolla.
(Dabalataan, Rom. 10:10; Efe. 3:12; Ibr. 11:6; 1 Yoh. 5:4 ilaali.)