FAARFANNAA 150
Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa
-
1. Saboonni wal taʼan,
Ilma Yihowaa mormuuf.
Barri bulchiinsa isaanii
Dhume yeroon waan gaʼeef.
Bara baraaf bulchuuf
Mootummaan Waaqaa dhufe.
Kiristoos diinota lafarraa.
Ni barbadeessa dafee.
(BUUSAA)
Fayyina akka argattan,
Waaqa dhugaa barbaaddadhaa.
Amanamoo fi
Qajeeloo taʼaa.
Olaantummaasaa deggeraa.
Achii Waaqni irreesaatiin
Isin baraara.
-
2. Namoota hundumaaf,
Misiraachoo lallabna.
Fudhachuuf ykn diduudhaaf
Carraa isaaniif laanna.
Sodaachuu hin qabnu,
Qorumsi nutti cimus.
Yihowaan amanamoo eega;
Ni dhagaʼa kadhatas.
(BUUSAA)
Fayyina akka argattan,
Waaqa dhugaa barbaaddadhaa.
Amanamoo fi
Qajeeloo taʼaa.
Olaantummaasaa deggeraa.
Achii Waaqni irreesaatiin
Isin baraara.
(Dabalataan, 1 Sam. 2:9; Far. 2:2, 3, 9; Fak. 2:8; Mat. 6:33 ilaali.)