FAARFANNAA 158
‘Innoo hin Turu!’
1. Hojiin kee hundi,
nama ajaaʼiba,
Uumamn’ hundumtuu
obsa kee mulʼisa.
Ati matumaa
hin jijjiiramtu.
Obsaan eeggatta
hundasaa haaressuuf.
(BUUSAA)
Abbaa, anʼ hawweera,
jannata kee arguuf.
Maaloo obsa naaf kenni.
Guyyaan kee ni dhufa,
hin shakku matumaa.
Obsa yoo na gaafates,
‘Innoo hin turu!’
2. Warra duʼanis
duʼaa ni kaasta.
Amantii qabna
atis ni hawwita.
Hundumasaanii
baayʼee jaallatta.
Obsaan eeggachuuf
nu gargaari maaloo.
(BUUSAA)
Abbaa, anʼ hawweera,
jannata kee arguuf.
Maaloo obsa naaf kenni.
Guyyaan kee ni dhufa,
hin shakku matumaa.
Obsa yoo na gaafates,
‘Innoo hin turu!’
3. Kan si dhagaʼan
obsaan barbaadda.
Barabaraafis
isaan jiraachista.
Nutis sii wajjin
dhugaa barsiisna,
Si tajaajiluun
sitti nu dhiheessa.
(BUUSAA)
Abbaa, anʼ hawweera,
jannata kee arguuf.
Maaloo obsa naaf kenni.
Guyyaan kee ni dhufa,
hin shakku matumaa.
Obsa yoo na gaafates,
‘Innoo hin turu!’
Maaloo obsa nuuf kenni!
(Dabalataan Qol. 1:11 ilaali.)