Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Balaa Jijjiiramni Qilleensaa Fidu Dandamachuuf Si Gargaaraa?

Kitaabni Qulqulluun Balaa Jijjiiramni Qilleensaa Fidu Dandamachuuf Si Gargaaraa?

 Atis namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi jijjiirama qilleensaan miidhaman keessaa tokko dha? Jijjiiramni qilleensaa fi balaan inni geessisu bifa hedduu qaba. Isaan keessaa tokko tokko, obomboleettiiwwan, taayifuun, saayikiloonii fi tornaadoo kan jedhaman yeroo taʼu yeroo baayʼee lolaa cimaa ykn bubbee hamaa geessisu. Bokkaa cimaan sigigaachuu lafaa geessisuu, obomboleettiin immoo bakakkaa buusuudhaan ibiddi bosonaa akka kaʼu gochuu dandaʼa. Hongeen, hoʼi cimaanii fi obomboleettiin waqtii gannaa kaʼus miidhaa cimaa geessisuu dandaʼa.

 Kutaa addunyaa garaa garaatti balaan jijjiirama qilleensaatiin dhufu dabalaa fi cimaa deemeera. Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa fi Dhaabbanni Reed Kireessanti Sosaayitii jedhaman, “Waggaa waggaadhaan lolaan, obomboleettiinii fi hongeen dabalaa fi lubbuu namootaa galaafachaa, akkasumas qeʼee isaanii irraa akka buqqaʼan gochaa waan dhufaniif lakkoofsi namoota balaa uumamaatiin miidhamanii dabalaa jira” jechuudhaan gabaasaniiru.

 Wantoonni kun karaa qaamaa qofa utuu hin taʼin karaa miiraas namoota irratti miidhaa ni geessisu. Namoonni qabeenya, manaa fi nama jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin ni dhiphatu.

 Atis jijjiiramni qilleensaa miidhaa sirraan geessiseera yoo taʼe, Kitaabni Qulqulluun akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun jajjabina, abdii fi gorsa gaarii namoota balaa jijjiirama qilleensaatiin miidhaman hedduu gargaare qabateera. (Roomaa 15:4) Kana malees, gaaffiiwwan barbaachisoo, ‘Waaqayyo kun akka gaʼu kan heyyame maaliifi? Na adabaa jiraa?’ jedhanii fi namoonni hedduun gaafataniif deebii kenna.

Balaan yeroo harʼaatti jijjiirama qilleensaan uumamu adaba Waaqayyoo miti

 Kitaabni Qulqulluun rakkina namoota irra gaʼuuf kan itti gaafatamu Waaqayyo akka hin taane barsiisa. “Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu hin qoru” jedha. (Yaaqoob 1:13) Kana jechuun balaa yeroo harʼaatti jijjiirama qilleensaatiin namoota irra gaʼu kan fidu Waaqayyo miti jechuudha.

 Waaqayyo kanaan dura namoota hamoo adabuuf humnoota uumamaatti akka fayyadame Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Haa taʼu malee, wantoonni yeroo sanatti raawwataman balaawwan uumamaa yeroo harʼaatti gaʼanii wajjin tokko miti; balaawwan yeroo harʼaatti gaʼan akeekkachiisa malee dhufu, akkasumas namoota gaariis taʼan hamoo taʼan irra miidhaa ni geessisu. Faallaa kanaatiin seenaan Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo yeroo hunda namoota qulqulluu akka eege, dursee akeekkachiisa akka kennee fi sababii wantoota sana itti fide akka ibse dubbata. Fakkeenyaaf, Waaqayyo bishaan badiisaa bara Noh maaliif akka fide ibseera, fiduu isaa dura akeekkachiisa kenneera, akkasumas Nohii fi maatii isaa eegeera.—Uumama 6:13; 2 Pheexiros 2:5.

 Balaawwan uumamaa yeroo harʼatti gaʼan adaba Waaqayyoo akka hin taane caalaatti barachuuf, mata duree “Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu ilaali.

Waaqayyo namoota balaa jijjiirama qilleensaatiin miidhaman ni gargaara

 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan a kan namaaf yaaduu fi gara laafessa akka taʼe ibsa. Caqasoota nama jajjabeessan armaan gadii ilaali.

  •   Isaayyaas 63:9: “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti, [Waaqayyos] ni dhiphate.”

     Hiika Isaa: Yihowaan namoota rakkinni irra gaʼeef ni gadda.

  •   1 Pheexiros 5:7: ‘Inni isiniif ni yaada.’

     Hiika Isaa: Yihowaan nageenya keetiif ni yaada.

 Yihowaan kan namaaf yaaduu fi gara laafessa taʼuun isaa tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasa. Gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu keessa jiruu fi abdii amansiisaa yeroo balaan jijjiirama qilleensaa hin jiraanne akka dhufu ibsu kennuudhaan si jajjabeessa.—2 Qorontos 1:3, 4.

Yeroo balaan jijjiirama qilleessaa hin jiraanne ni dhufaa?

 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, ‘wanta gara fuulduraatti abdiidhaan eeggannu nuu kennuuf’ waadaa akka gale nuuf ibsa. (Ermiyaas 29:11) Kaayyoon Yihowaa namoonni lafa jannata taatu irra gammachuudhaan akka jiraatan malee balaa jijjiirama qilleensaa sodaachaa akka jiraatan miti.— Uumama 1:28; 2:15; Isaayyaas 32:18.

 Waaqayyo Mootummaa isaa isa samii Yesuusiin geggeeffamutti fayyadamee waadaan kun akka raawwatamu godha. (Maatewos 6:10) Yesuus ogummaa fi humna balaa jijjiirama qilleensaa hambisuuf isa gargaaru qaba. Yesuus yeroo lafa irra turetti humna haala qilleensaa toʼachuuf isa gargaaru akka qabu argisiiseera. (Maarqos 4:37-41) Inni hubannaa fi ogummaadhaan bulcha, akkasumas namoonni naannoof akkamitti kunuunsa akka godhanii fi uumamaa wajjin akkamitti wal simanii akka jiraatan isaan barsiisa. (Isaayyaas 11:2) Bulchiinsa Yesuus jalatti namoonni jijjiirama qilleensaatiin hin miidhamani.

 ‘Yesuus haala qilleensaa toʼachuuf humna isaatti kan fayyadamu yoomi?’ jettee gaafatta taʼa. Deebii gaaffii kanaa argachuuf mata duree, “Mootummaan Waaqayyoo Lafa Kan Bulchu Yoomi?” jedhu ilaali.

Jijjiirama qilleensaa dandamachuu

 Kitaabni Qulqulluun balaan jijjiirama qilleensaatiin dhufu gaʼuu isaa dura, yeroo gaʼuttii fi erga gaʼee booda gorsa si fayyadu qabaateera.

  •   Gaʼuu isaa dura: Hatattamaan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, Namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.”—Fakkeenya 22:3.

     Hiika Isaa: Hatattamaan tarkaanfii fudhachuu fi maatii kee eeguuf dursii balaan akkamii gaʼuu akka dandaʼu yaadi.

     Muuxannoo: “Guyyaa ibidda bosonaa jalaa baqannetti dursinee qophoofnee turre. Shaanxaa yeroo balaatiif itti fayyadamnu qopheeffannee turre. Qoricha qabannee turre. Uffatas qopheeffannee turre. Namoonni naannoo keenya jiran sodaatanii waan turaniif wanta godhan wallaalanii turan. Nuti garuu wanta nu barbaachisu hunda qabannee turre; kana gochuu keenyattis baayʼee gammanneerra!”—Tamaaraa, Kaalifoorniyaa, Yuunaayitid Isteetis

  •   Yeroo gaʼutti: Wanta caalaatti barbaachisaa taʼe irratti xiyyeeffadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe [miti].”—Luqaas 12:15.

     Hiika Isaa: Jireenyi qabeenya caalaa baayʼee barbaachisaa dha.

     Muuxannoo: “Yommuu obomboleettiin Laawiin b jedhamu mana keenya diigetti, wantan gochuu qabu sirriitti yaaduu hin dandeenye. Garuu, wantan godhe keessaa tokko garaadhaa Yihowaa kadhachuu ture. Qabeenya keenya dhabne malee jireenya keenya akka hin dhabne hubadheera.”—Leslii, Filippiinsi.

  •   Erga gaʼee booda: Wanta boriitiif hin yaaddaʼin.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba.”—Maatewos 6:34.

     Hiika Isaa: Wantoota gara fuulduraatti dhufuu dandaʼan ilaalchisee garmalee hin yaaddaʼin.

     Muuxxannoo: “Obomboleettiin Irmaa jedhamu mana koo lolaadhaan erga mancaasee booda isa kanaan duraa caalaa murtoowwan hedduu gochuun na barbaachisee waan tureef baayʼee dhiphadheen ture. Gorsa Kitaaba Qulqulluu waaʼee boriitiif akka hin yaaddofne ibsu hordofuufan yaale. Gargaarsa Yihowaatiin isan yaade caalaa wanta hedduu dandamachuu akkan dandaʼu hubadheera.”—Saalii, Filooridaa, Yuunaayitid Isteetis

 Gorsa dabalataa argachuuf mata duree, “Yommuu Balaan Gaʼu Tarkaanfii Nama Oolchuu Dandaʼu” jedhu ilaali.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.

b Hayimaas ni jedhama.