Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa gara Mirgaatti: Obboloonni keenya Emiin Mikitaariyaan, Goor Mushkambaariyaan, Miikaayel Daavtiyan, Aartisaah Tumeniyanii fi Hoovhannis Sarkesiyaan hojii qulqulleessuu isa tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu raawwachaa jiru

AMAJJII 11, 2024
ARMEENIYAA

Dhugaa Baatonni Yihowaa Armeeniyaa Tajaajilli Uummataa Bakka Tajaajila Loltummaa Kennamu Erga Isaaniif Heyyamamee Waggaa Kudhan Guute

Namni Bakka Buʼaa Koree Rippaablikaanota Tajaajila Uummataa Bakka Tajaajila Loltummaa Kennamu taʼan, “Mootummaan keenya tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu qopheessuun isaa murtoowwan gaggaarii godhe keessaa tokkodha” jedhaniiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa Armeeniyaa Tajaajilli Uummataa Bakka Tajaajila Loltummaa Kennamu Erga Isaaniif Heyyamamee Waggaa Kudhan Guute

Amajjii 14, 2024, hojiin tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu Armeeniyaa keessatti erga beeksifamee waggaa kudhan guute. Qophiin kun namoonni tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamne, tajaajila uummataaf kennamu adda addaa irratti hirmaachuudhaan gumaacha akka godhan isaan gargaareera. Hojiiwwan isaaniif kennaman hojii ijaarsaa, naannoo bareechuu, hojii hawaasaa ykn tajaajila uummataa kan biroo dabalatu. Qophiin kun erga godhamee kaasee, dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa 450 ol taʼan qophii kana irratti hirmaachuuf murtoo dhuunfaa godhaniiru.

Obboleessi keenya Saamuʼel Peetiroosiyan paarkii keessatti hojii tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu hojjechaa jira

Obboleessi keenya Saamuʼel Peetiroosiyan inni yeroo ammaatti tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennaa jiru naannoo bareechuu irratti hojjechaa jira. Akkana jedheera: “Maqaa gaarii qabaachuuf carraaqqii gochaan jira. Fakkeenyaaf, hojii koo sirriitti hojjechuu fi wantan hojjedhu hundumaa irratti amanamaa taʼuufan carraaqa. Kunis namoonni na hojjechiisan yeroo hundumaa haala gaariidhaan akka na qabanii fi akka na kabajan taasiseera.”

Obboleessi keenya Artar Maartiroosiyan mana yaalaa keessatti tajaajila uummataa kennuu erga jalqabee waggaa sadii taʼeera. Akkana jedheera: “Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf carraa argachuu kootti gammadeera. Muuxannoon kun amalawwan gaarii akkan horadhus na gargaareera. Isa kanaan duraa caalaa akka haala isaatti jijjiirama gochuuf, dhiphina milkaaʼinaan dandamachuu fi namootaa wajjin sirriitti walii galuuf na gargaareera.”

Bara 2014 dura, obboloonni keenya dargaggoota taʼanii fi Armeeniyaa jiraatan tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaanii waan isaaniif hin heyyamneef waggoota dheeraadhaaf hidhamu turan. Buʼaa gaarii Armeeniyaa keessatti tajaajilli uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu argamsiise ilaalchisee namni aangoo guddaa qabu tokko akkana jedhaniiru: “Jalqaba irratti nageenya biyyatti balaadhaaf akka saaxiluu fi dandeettii namootaa qisaasessuu akka taʼe waanan yaadeef tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu mormeen ture. . . . Booda garuu akkan dogoggore hubadheera. Waggoota hedduu booda . . . Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu hojjechuu isaaniitiin nageenya biyyattii balaadhaaf akka hin saaxille mirkaneeffameera. Kanaa mannaa, [qophii] tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu kanaan kan kaʼe, namoota hojii adda addaatiin dhimmanii hojjetan arganneerra.”

Obboloonni keenya Ispaartaak Shoolyanii fi Artiyoom Agihbaaliyan dhaabbata maanguddoota kunuunsu keessatti hojii tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu hojjechaa jiru

Namni Miseensa Koree Rippaablikaanota Tajaajila Uummataa Bakka Tajaajila Loltummaa Kennamu taʼan tokkos akkana jedhaniiru: “Armeeniyaa keessatti qophiin tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu akka jalqabee erga goonee waggaa kudhan taʼeera . . . Qophii mootummaan keenya tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu taasise, murtoowwan gaggaarii itti boonnu keessaa tokkodha. Dhaabbatawwan tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennamu keessatti raawwataman yeroo hunda qorachuun keenya, namoonni kun dhimmanii akka hojjetan, ilaalcha gaarii akka qabanii fi gammadoota akka taʼan nu hubachiiseera. Gumaacha guddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila uummataa kennaa jiran dinqisiifachuuf wagguma waggaan xalayaa hedduun nu dhaqqaba. Namoonni dhaabbatawwan sana geggeessan hojjettoota baayʼee gaarii taʼuu isaaniitiif yeroo hunda isaan jaju.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa Armeeniyaa jiran, utuma ‘hojii isaanii isa gaariitiin’ Yihowaan akka jajamu godhanii, tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa kennaniin uummatichaaf gumaacha gochuuf carraa argachuu isaanii baayʼee dinqisiifatu.—1 Pheexiros 2:12.