Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 23, 2020
YUNAAYITID ISTEETIS

Obomboleettiin al 100 Ol Kibba Baha Yunaayitid Isteetis Irra Midhaa Cimaa Geessise

Obomboleettiin al 100 Ol Kibba Baha Yunaayitid Isteetis Irra Midhaa Cimaa Geessise

Ebla 12 hanga Ebla 13, 2020⁠tti walitti aansuudhaan obomboleettiin al 100 ol kibba baha Yunaayitid Isteetis irra balaa cimaa geessiseera. Dhaabbanni qilleensa biyyoolessaa raagu obomboleettiin gara kiilomeetira sadii balʼatu tokko isa seenaa Yunaayitid Isteetisitti galmeeffame keessaa isa guddaa akka taʼe gabaaseera.

Waajjirri damee yeruma sana obboloota irra miidhaan gaʼuu isaa beekuuf daawwattoota ol aanaa wajjin wal qunnameera. Haala qilleensaa cimaa kanaan obboleessi ykn obboleettiin tokko iyyuu hin duune. Obboleettiin tokko yeroo qilleensichi mana ishii rukutu miidhaa xinnoon ishii irra gaʼeera. Walumatti, babalʼistoonni 63 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru, manneen 12 mancaʼaniiru, manneen 58 irra immoo miidhaan gaʼeera. Kana malees, Galmawwan Walgaʼii shan irra miidhaa salphaan gaʼeera, Galmi Walgaʼii tokko immoo mukti irratti jigee miidhaa guddaa isa irra geessiseera.

Jaarsolii fi ilaaltonni ol aanaa aanaa naannichaa haala isaa caalaatti beekuuf gamaaggamuu isaanii itti fufaniiru. Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf wanta isaan barbaachisu kennaa, akkasumas warra balaa sanaan qabeenya isaanii dhabaniif Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa jiru.—Isaayaas 40:1.